Hariiroon Itiyoophiyaafi Giriik cimee itti fufa- Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Ebla 17, 2017(FMC)- Hariiroon Itiyoophiyaafi Giriik cimee kan itti fufa ta’uu Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon ibsan.

Hariiroon mootummootaafi uummattootaa biyyoota lameenii cimee kan itti fufu ta’uus eeraniiru.

Obbo Taaggasaan jila garee miseensa Paarlaamaa Giriikiifi Hogganaa Yaa’ii Intarpaarliyaamantarii Ortodoksii Giriik Maaksiimoos Chaaraakooppooloosiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo cimaa waggoota dheeraa lakkoofsise qabaachuu kan yaadachiisan obbo Taaggasaan, Itiyoophiyaan daldalaafi invastimantii dabalatee dameewwan garaagaraan Giriik irraa muuxannoo qooddachuufi muuxannoo ishee qooduu akka barbaaddu ibsaniiru.

Maaksiimoos Chaaraakooppooloos gamasaaniin, Giriik dameewwan qonnaafi tuurizimiin Itiyoophiyaarraa muuxannoo qooddachuu akka barbaaddu kaasanii, dameewwan konistiraakishinii, geejjiba galaanaafi teeknooloojiin muuxannoo ishee qooduuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Biyyi isaanii Itiyoophiyaa Gamtaa Awurooppaa waliin walitti dhiyeessuuf kan hojjettu ta’uu himanii, hirmaannaa invastimantii abbootiin qabeenyaa Giriik Itiyoophiyaatti qaban guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment