Finfinnee, Amajjii 29, 2017 (FMC)- Hawaasni daldalaa tokkummaa sabdaneessaa Itiyoophiyaa fi seenessii waloo jabeessuuf gumaacha taasisuu akka qabu Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daani’eel Kibiret ibsan.
Ijaarsa nageenyaa waaraa Itiyoophiyaaf gahee damee dhuunfaarratti waltajjiin marii xiyyeeffatee Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Diyaaqoon Daani’el Kibiret, seenessiin waloo ijaaruun ijaarsa biyyaaf murteessaa ta’uu hubachiisan.
Seenessii waloo ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaniif gaheen damee dhuunfaa olaanaa ta’uu eeraniiru.
Gama kanaan hawaasni daldalaa tokkummaa sabdanessaa Itiyoophiyaa fi seenessii waloo cimsuuf gahee murteessaa akka qabu ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idiriis gama isaaniin, hariiroo ummatoota gidduu fi walooma cimsuuf daldalli gumaachaa akka qabu himaniiru.
Biyyattiitti nageenya waaraan akka mirkanaa’uuf gaheen damee dhuunfaa murteessaa ta’uu kaasanii, kanaas dara cimsuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Mootummaan nageenyaa mirkaneessuuf hojiilee damee hedduu hojjechaa jiruuf gumaachi damee dhuunfaas daran cimee itti fufuu akka qabu ibsuu TOI gabaaseera.
Keessumaa walitti bu’iinsi akka hinuumamneef dhimmoota walitti bu’iinsa biraa uumuu danda’an dursanii ittisuu fi nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf, fuulduratti xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu eeraniiru.
#oromia #Ethiopia