Finfinnee, Ebla 1 , 2017 (FMC) – Hawaasni waajjira gandaarraa tajaajila gahaa akka argatuuf Mootummaan cimsee hojjechaa jira jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan.
Obbo Kaffaaloon Godina Jimma Aanaa Gommaatti Waajjira Ganda Qottaa Cuwaas eebbisaniiru.
Saganticharratti Obbo Kaffaaloon haasawaa taasisaaniin, hawaasni waajjira gandaarraa tajaajila gahaa akka argatuuf Mootummaan cimsee hojjechaa jira jedhan.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, hawaasatti dhiyaachuun tajaajilaa fi bu’uuraalee misoomaa barbaachisan hojjechaa jiraachuu himuu ragaan Kominikeeshinii Godina Jimmarraa argame ni mul’isa.