‘Heer Iseen’ walitti hidhamiinsa Ummattoota Itiyoophiyaa, Jibuutii fi Somaaliyaa cimsuuf gargaara jedhame

Finfinnee, Amajjii 15,2017 (FMC)- Seerri aadaa hinbarreeffamin hawaasa Isaa Somaalee “Heer Isee” jedhamuun beekamu walitti hidhamiinsaa fi obbolummaa ummattoota Itiyoophiyaa, Soomaaliyaa fi Jibuutii kan jabeessu ta’uun ibsameera.
Qaamolee Heer Isee’n Dhaabbata Aadaa, Saayinsii fi Barnootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hambaa kiliyaa idil-addunyaa dhala namaa bakka bu’u ta’ee akka galmaa’uuf gumaachaniif sagantaan galateeffannaa fi beekamtii kennuu magaalaa Dirre Dhawaatti boru irra eegalee kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.
Itti Gaaatamaan Waajjira Aadaa fi Tuurizimii magaalaa Dirre dhawaa Obbo Mikaa’eel Indaalee Faanaa Dijitaalitti akka himanitti, sagantichi dudha aadaa ‘Heer Isee ‘ kan waliinii gochuun hawwata tuurizimii fi itti fayyadamuu fi dhaloota dhufutti akka darbuuf ta’uun eerameera.
jilli Hoggantoota Somaaliyaa fi Jibuutii of keessatti qabates saganticharratti hirmaachuuf Diree Dhawaa galaa jiraachuu iIbsameera.
Guyyaa boruu hayyoonni waggoota hedduuf dudhicha qoratan barreeffama isaanii dhiyeessuun mariin paanaalii hubannaa uumuu irratti xiyyeeffate ni gaggeeffamas jedhameera.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
Comments (0)
Add Comment