Finfinnee, Guraandhala 28, 2017 (FMC) – Himatamtoota Ustaaz Abbubakar Huseen ugguruun Liibree Konkolaataa jijjiiruun irraa fudhachuuf yaalan hidhaa cimaa fi adabbiin maallaqaa itti murtaa’e.
Himatamtoonni kunneen aangoo seeraan ala fayyadamuun yakka malaammaltummaan himatamanii turan.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataa Dhaddachi yakka Dhimmoota Malaammaltummaa ramaddii 4ffaa oolmaa isaa guyyaa har’aan yaadatoota adabbii salphisan bitaa mirgaan dhiyaatan qorachuun hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabaman itti murteesseera.
Haaluma kanaan:-
Himatamaan 1ffaan guyyaa to’annoo jala oolee kaaseee hidhaa cimaa waggaa 4 fi Birrii kuma 3’n akka adabamu,
Himatamtoonni 2ffaa, 3ffaa , 4ffaa fi 5ffaan ammoo guyyaa to’annoo jala oolanii kaasanii tokkoon tokkoo isaanii hidhaa cimaa waggaa 3 fi baatii 3, akkasumas Birrii kuma 2’n akka adabaman itti murteesseera.
Maqdas Yeneehuuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia