Hoggansi kuma 49 fi 300 ol sadarkaa Gandaatti ramadamuun ummata tajaajilaa jiru-Pir. Shimallis Abdiidsaa

Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)-Gurmaa’iinsa Gandaa bifa haaraan hojiirra akka oolu taasifameen hoggansi kuma 49 fi 300 ol sadarkaa Gandaatti ramadamuun ummata tajaajilaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gabaasaa raawwii ji’oottan ja’an darbanii Caffee Oromiyaaf dhiyeessaniin, riqichi olaanaan mootummaa fi ummata walitti fidu kenna tajaajila mootummaa ta’uu kaasnaiiru.

Tajaajilloota mootummaa qorannoon adda baasduun, tajaajiloonni murteessoo ta’anii fi jiruu fi jireenya ummataan walqabatan Gandatti akka gadi bu’aniif Mootummaan Gandaa akka hundaa’u taasifamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Gandoonni magaalaa fi baadiyyaai kuma 7 fi 342 bifa haaraan akka gurmaa’an ta’uun, hoggansi kuma 49 fi 316 sadarkaa gandaatti ramadamuun ummata tajaajilaa jiraachuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment