Finfinnee, Bitootessa 21, 2017 (FMC) – Hojii gaarii baatii Ramadaanaa keessa namoota harka qalleeyyiif oolaa turan akka itti fufsiisan geggeessitoonni fi hordoftoonni amantaa Isilaamaa magaalaa Adaamaa ibsan.
Ayyaanni Iid Alfaxir kan nagaa fi kan jaalalaa ta’uu isaatiin hawaasni musliimaa kan qabu isa hinqabne gargaaruun waliin kabajuu qabu jedhan.
Waloomni fi tokkummaan yeroo soomaa mul’ate yeroo itti aanuttis itti fufsiisuun hundumarraa akka eegamus ibsan.
Nagaa biyyaaf kadhachuu fi hojii gaariin wayita sooma ramadaanaa raawwatamaa ture itti fusiisuun barbaachisaadha jedhan.
Tokkummaa yeroo kana mul’ate itti fufsiisuufis hordoftoota amantaalee biroo wajjiin walkabajaa fi jaalalaan nagaa biyyaa eeguun akka barbaachisuus hubachiisaniiru.
Kan qabu kan hinqabneef qooduun namoota rakkoo keessa jiran yaadachuun barbaachisaa ta’uus ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia