Finfinnee, Amajjii 28, 2017 (FMC) – Gamaaggamni raawwii hojii paartiifi mootummaa Naannoo Oromiyaa kan baatiwwan jahaa bara 2017 Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.
Hojii misoomaa karaa hiyyummaa cabsuu danda’uun baay’inaan, qulqullinaafi ariitiin hojjechuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Karoora qabame sirnaan raawwachuuf hanqinoota jiran irratti xiyyeeffannaan hojjachuun murteessaa ta’uu Pireezidaanti Shimallis haasawa gamaaggamicharratti taasisaaniin kaasaniiru.