Hojiileen Damee daldalaan hojjetaman bu’aa olaanaa galmeessaniiru – Dooktar Kaasahuun Goofee

Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) –Hojiileen Damee daldalaan hojjetaman bu’aa olaanaa galmeessuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen himaniirui.

Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa dhaabbilee waamamtootaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaa waliin ta’uun raawwii baatiwwan saglan darbanii gamaaggamaa jira.

Baatiwwan saglan darban keessa damee daldalaan hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamuu Dooktar Kaasahuun gamaaggamicharratti ibsaniiru.

Hawaasni miiliyoonni 2.6 ol ta’an hayyama daldalaa haaraa argachuu, daldala galmeessuu, hayyama daldalaa jiru karaa tajaajila onlaayiniin haaromsuu danda’uu himaniiru.

Inispeekshiniin hayyama daldalaa booddee miiliyoona 2.2 ta’u gaggeeffamuu dubbataniiru.

Daldaltoota hojii seeraan alaa raawwatan kuma 100 fi kuma10 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu kaasaniiru.

Baatiwwan saglan darban keessa daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.3 argamuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata Daldalaa Addunyaa akka taatuuf hojiilee bu’aa qabeessi hojjetamuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment