Finfinnee, Ebla 13, 2017 (FMC) – Hojiin xaa’oo biyyoo bara oomishaa 2017/18tiif oolu gara biyya keessaa geejjibsiisuu cimee itti fufuu Abbaan Taayitaa Mariitaayimii Itiyoophiyaa beeksiise.
Bara kana xaa’oo biyyoo kuntaala miiliyoona 24 gara biyya keessaatti imalchiisuuf karoorfamee hanga ammaatti xaa’oo kuntaalli miiliyoonni 10 fi kumni 600 fi kumni 84 ol gara biyya keessatti geejjibsiifamuu himeera.
Xaa’oo meetirik Tooniin kumni 5 fi 705 ol ammoo buufatarratti kan argamu ta’uus eereera.
#Oromia #Ethiopia