Finfinnee, Guraandhala 20, 2017 (FMC)– Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti Hospitaala Riiferaala Gobbaaf deeggarsi meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 100’tti shallagamu kennamuun ibsame.
Deeggarsichi dhaabbilee miti-mootummaarra kan argame ta’uun eerameera.
Deeggarsi taasifamees galteewwan wal’aansa fayyaa ta’uun ibsameera.
Pireezidaantiin yuuniivarsiitichaa Dooktar Ahimad Kaliil, yuuniivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuun cinaatti hojii qorannoo fi tajaajila hawaasaa hojjechaa jiraachuu kaasanii, deggarsi kenname hojii kanaaf daran kan fayyadu ta’uu dubbatan.
Deeggarsichi hanqina meeshaalee yaala fayyaa hospitaalichaa foyyeessuun waliin gahiinsa tajaajila hawaasaa kan deeggaru ta’uu Daayrektarri Olaanaan hospitaalichaa Mahaammadamaan Maammaa ibsuu TOI gabaaseera.