Finfinnee, Amajjii 16, 2017 (FMC) – Ibiddi bosonaa haaraan naannoo Loos Anjelesiitti mudate saffisaan babal’ataa jiraachuu gabaafame.
Ibiddi hamaan Roobii ganama magaalaa Los Anjeles irraa kaaba dhihaatti mudate kun gara lafa heektara kuma 10 oliitti babal’achuu ibsameera.
Ibiddi haaraan kun ibidda guddaa lamaan ji’a kana keessa naannawaa hedduu barbadeesse irraa kaabatti kan mudateedha.
Bubbeen naannichatti sa’aatii tokkotti gara Kiiloo Meetira 32-48 bubbiisaa ture ibiddicha cimsuudhaan hojjettoonni balaa Ittisa ibiddaa akka hin hojjenne danqaa jiraachuu BBCn gabaaseera.
Jiraattoonni kuma 30 ta’an naannawichaa akka bahan ajajamuu ibsameera.
Jiraattoonni kuma 10 ta’an ammoo buqqa’uu eerameera.