Ijaarsa Istaadiyeemii Biyyaalessaa Adeey Ababaa xumursiisuuf waliigalteen Birrii biiliyoona 18.6 mallattaa’e

Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Ijaarsa Istaadiyeemii Biyyaalessaa Adeey Ababaa hafe waggaa lamaa asitti xumuruuf waliigalteen Birrii biiliyoona 18.6 mallattaa’e.

Ijaarsa Istaadiyeemichaa hafe baatiiwwan 18 keessatti xumursiisuuf dhaabbata ijaarsaa Chaayinaa, ‘CCCC’ jedhamu waliin waliigalteen mallattaa’uu Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaan ibsaniiru.

Gorsaan Dhaabbata MH Dooktar Massalee Hayileen gamasaaniin, waliigaltichi lootii 2ffaafi 3ffaa boqonnaa 2ffaan ijaarsa baaxii, teeknooloojiifi miidhagsuu kan hammatu ta’uu eeraniiru.

Bu’uura kanaan manneen fincaanii kuma 1fi 200, bakkeewwan harka dhiqannaa 800, hojii dirree guutuu, hojii baaxiifi teeknooloojii kan of keessaa qabu jedhan.

Ijaarsi isaa wayita xumuramu dorgomiiwwan sadarkaa ardiifi idil-addunyaa keessummeessuu akka danda’u ibsuu isaanii ragaan Ministeeera Aadaafi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

Maanaajarri dhaabbata ‘CCCC’ Siin Biin, bu’uura waliigaltichaan ijaarsa isaa qulqullinaafi ariitiin hojjennee ni xumurra jedhaniiru

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment