Imalli guddinaa Itiyoophiyaa kan milkaa’u cimina dhaabbileeni-Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Imalli guddinaa Itiyoophiyaa kan milkaa’u cimina dhaabbilee biyyattiitiin ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Raawwii baatiiwwan ja’an darbanii qaamolee raawwachiistuu Ministira Muummeef waamamani qoratameera.

Baatiiwwan ja’an darbanittis mootummaan dhaabbilee ciccimoo ijaaruuf xiyyeeffannaa addaan hojjechuu himaniiru.

Keessumaa dhaabbileen waamamtootaa Ministira Muummee of gurmeessuun ijaarsa biyyaaf gumaacha olaanaa taasisuu irratti akka argaman himaniiru.

Dameewwan diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan baatiiwwan ja’an darbanitti milkaa’inaaleen galmaa’an dandeettii raawwachiisummaa dhaabbilee biyyattii kan argisiisan ta’uu eeraniiru.

Fuuldurattis dhaabbileen kunneen imalaa guddinaa Itiyoophiyaa milkeessuuf kenniinsa tajaajilaa isaanii ammayyeessuu, hojmaata baasii qusatan hordofuu, hojmaata qindaawaa cimsuu fi ergama kennameen dhiibbaa gaarii uumuu akkasumas, bu’aalee argaman waarinaan qorachaa adeemuun barbaachisaa ta’uu akeekuu gama miidiyaa haewaasummaa isniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment