Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC) – Ingiliiz Hariiroo waloo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsite.
Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen jila Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ingiliiz Daaran Waalaachin durfamu waliin mari’ataniiru.
Eegumsa hawaasummaa, mirgaa dubartootaa, sirna walqixummaa Koorniyaa, ijaarsa nageenya dubartootaa fi walitti bu’iinsa hiikuuu, akkasumasa dubartoota diinagdeen ga’oomsuu, kittaanaa dubartootaa fi haleellaa Koorniyaa ittisuurratti bal’inaan mari’achuu Dooktar Ergoogeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Hariiroo waloo biyyoota lamaanii caalmaatti cmisuuf dhimmoota eeramanii fi dameewwan biroorratti tumsaan hojjechuuf biyyi isaanii fedhii qabaachuu Ambaasaaddar Daaran Waalaachi ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia