Injifannoo uummanni Oromoo aarsaa itti kaffaluun argate diinagdeen itichuun murteessadha- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Injifannoo uummanni Oromoo aarsaa itti kaffaluun argate diinagdeen itichuun murteessaadha jedhan Pireezidantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.

Obbo Awwaluun sagantaa walharkaa fuudhiinsa Tiraaktaroota kuma 1 fi 402 Magaalaa Shashaamanneetti gaggaaffamerratti haasawa taasisaniin, bu’aan har’aa yaadama kaleessaa ta’uu ibsuun, injifannoo uummata Oromoo diinagdeen itichuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Yaadama Ida’amuutiin diinagdee Oromoo jijjiiruuf Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa waldaan gurmeessuun waggootta torban dura mootummaa jijjiiramaatin jalqabame har’a bu’aa buusuun qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jira jedhan.

Naannichaatti qonna ammaayyeessuun jiruu fi jireenyaa qonnaan bultootaa jijjiruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Aadaa qusannaa jajjabeessuun qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni fayyadamoo ta’uus kaasaniiru.

Miidhaksaa Qachaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment