Injiinar Taakkalaa Uumaan Itti gaafatamtoota Dhaabbata Tajaajila Loojistiksii Maarsik waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 17, 2017 (FMC) – Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Waldaa Aksiyoonaa Baabura Itiyoo – Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa Itti gaafatamtoota Dhaabbata Tajaajila Loojistiksii Maarsik waliin mari’ataniiru.

Hojiiwwan loojistiksii baaburaa haala tumsaan hojjetan irratti mari’achuu isaaniis fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qoodaniiru.

Marichi daandiin Baaburaa Itiyoo Jibuutii tajaajila si’ataa akka kennuuf tattaaffii ta’aa jiruuf humna dabalataa kan uumu ta’uus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment