Finfinnee, Guraandhala 24, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injiner Ayishaa Mahaammad Koorporeeshinii Indaastirii Injinariingii Raayyaa Ittisaa jalatti kan argamu Indaastirii Injinariingii Elektirooniksii daawwataniiru.
Fedhii Raayyaa Ittisaa Milkeessuuf Raadiyoonoota qunnamtii fageenya gabaabaa, giddugaleessaa fi dheeraa oomishamaa jiran daawwataniiru.
Raadiyoonoota kanneen dandeettii ofiin walitti hidhuun danda’amuun akka biyyaattis ta’ee akka dhaabbata olaanaa tokkootti humni olaanaan akka jiru agarsiiftuudha jedhan.
Hojiileen eegalame jajjabeessaa ta’uu eeruun, yeroo itti aanu caalmaatti cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Daayrektera Olaanaan Koorporeeshinii Indaastirii Injinariingii Raayyaa Ittisaa Obbo Geetaachoo Hayilamaariyaamii fi hoggantoonni olaanoon koorporeeshinichaa daawwannicharratti hirmaachuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa