Israa’eelii fi Hamaas Hidhamtoota waljijjiiran

Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)-Israa’elii fi Hamaas hidhamtoota waljijjiiraniin lammiilee Filisxeem 90, lammiilee Israa’eel sadii maatii isaaniin wal arguun gabaafameera.

Israa’elii fi Hamaas marii yeroo dheeraa booda waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga’uun ni yaadatama.

Gama lameeniiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga’ame marsaa jalqabaan lammiileen Filisxeem 90 gadi lakkifamuu Manni Sirreessaa Israa’eel beeksiseera.

Hidhamtoota gadi lakkifaman keessaa harki caalaan dubartootaa fi daa’imman ta’uun eerameera.

Haaluma walfakkaatuun, hidhamtoonni Israa’el sadii waliigalteen booda sa’aatiiwwan muraasa keessatti hiikamuu isaanii BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment