Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Itiyoo- Injinariing Giruuppi Indaastirii Oomishaa Awutoomootiivii Bishooftuutti Iskuutarii chaarjiin hojjetuu fi Biskileetii oomishuu eegalu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Itiyoo- Injinariing Giruuppi Ambaasaaddar Suleeymaan Daddafoon ibsan.
Oomishaaleen kunneen rakkoolee geejjibaa salphsuu fi muddama tiraafikaa hir’isuuf gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Oomishaaleen Iskuutarii fi Biskileetii kunneen magaalaa Finfinnee dabalatee hojiilee misooma kooridarii magaalota naannoleetti hojjetaman ilaalcha keessa kan galche ta’uu ibsuun, oomishaaleen kunneen yeroo gabaabaa keessatti gabaaf akka dhiyaatan dubbataniiru.
Maraa’ol Kadirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia