Itiyoo Teeleekoom carraa Badhaasawwan garaagaraa argamsiisan baase

Finfinnee, Guraandhala 26, 2017 (FMC) – Itiyoo Teeleekoom Konkolaataa Elektirikaan socho’u dabalatee carraa Badhaasawwan garaagaraa maamiltootaaf argamsiisan baaseera.

Guyyaa hundeeffama isa waggaa 130ffaa sababeeffachuun Badhaasawwan hedduu qopheessuu eerameera.

Kunis Baatiwwan shan keessatti yeroo 2ffaaf ta’uu himameera.

Carraan har’aa kunis Konkolaattoota Humna Elektirikaan socho’an 2 fi Baajaajii elektirikaan hojjetan 3 fi Boba’aan hojjetan 2 ta’uu ifoomeera.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment