Finfinnee, Bitootessa 23, 2017(FMC) – Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kaamiil Itiyoophiyaa, Rippaabilika Afrikaa Giddugaleessaafi Sudaan Kibbaatti Ambbaasaaddara Awustiraaliyaa Dooktar Piitar Haantar waliin mari’ataniiru.
Aadde Mufasriyaat dhimmoota hariiroo gamlamee cimsan irratti Ambaasaaddaricha waliin marii bu’aqabeessa mari’achuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
jijjiirama biyyaalessaa hordofee badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf imaammatawwan bocamanii fi bu’aalee galmaa’an ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Misooma ogummaa fi tekinooloojii akkasumas dameewwan Indaastirii fi carraa hojii uumuu irratti riifoormiiwwan hojiirra oolaa jiran bal’inaan kaasuu isaanii eeraniiru.
Itiyoophiyaa fi Awustiraaliyaan hojiiwwan ogummaa fi carraa hojii uumuu dabalatee dameewwan fayyadamummaa waloo guddisan irratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu isaanii himaniiru.
Ambaasaaddar Piitar Hantar, misooma ogummaa, carraa hojii uumuu fi dhimmoota walfakkaatoo irratti tumsaan hojjechuuf kutannoo argisiisaniifis galateeffataniiru.
#Oromia #Ityoophiyaa