Itiyoophiyaa fi Beelaaruus tumsa Loltummaa isaanii Cimsuuf mari’atan

Itiyoophiyaa fi Beelaaruus tumsa Loltummaa isaanii Cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) –Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad Ministira Dhimma Alaa Beeraaruus Maaksiim Riizheenkoov waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, biyyoonni lameen tumsa damee loltummaa fi nageenyaan qaban babal’isuu fi cimsuu haalota dandeesisanirratti mari’ataniiru.

Injiinar Ayishaan biyyoonni lameen dudhaa waloo, Seenaa fi Aadaa wal fakkaataa qabaachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee caalmaatti guddisuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Maaksiim Riizheenkoov gamasaaniin, biyyonni lameen leenjii loltummaa, wal jijjiiraa muxannoo teeknooloojii raayyaa fi kanneen biroon tumsa qaban guddisuun barbaachisadha jedhan.

Tumsa waloo biyyoota lameenii caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu mirkaneessuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment