Itiyoophiyaa fi Chaayinaan uwwisa BRICS tumsa waloo cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Chaayinaan uwwisa BRICS hariiroo waloo qaban caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Alaa Chaayinaa Waangi Yuu waliin mari’ataniiru

Walga’ii Ministirootaa BRICS Biraaziil magaalaa Riyoo Dee Jeenoorootti gaggeeffamaa jiru cinaatti dhimmoota waloorratti mari’achuun isaanii ibsameera..

Biyyoonni lamaan hariiroo seena qabeessaa fi hundagaleessa waliin qaban caalmaatti cimsuuf waliigaluu ragaan Chaayinaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment