Finfinnee, Guraandhala 13, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Raashiyaan damee Fayyaan tumsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallateessaniiru.
Sirna fayyaa tumsuu fi Hojmaata Hospitaala Dajjaazmaach Baalchaa ammayyeessuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa fi Ministirri Fayyaa Raashiyaa Miikheel Muraashikoon waliigalticha mallatteessaniiru.
Haala tajaajila fayyaa sadarkaa jalqabaa fooyyessuun danda’amurratti mari’achuus ibsameera.
Dooktar Maqdas Dhaabaan fedhii Raashiyaan sirna fayyaa Itiyoophiyaa deeggaruuf agarsiifte dinqisiifataniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Raashiyaa Miikheel Muraashikoon, Giddugala Yaala Carallaa Hospitaala Qulqulluu Phaawuloos erga daawwatanii booda, Raashiyaan galteewwan yaala fayyaa Itiyoophiyaaf deeggarsa kan taasiiftu ta’uu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia