Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Rippaablikiin Cheek dame Eegumsa fi Qorannoo Bineensoota Bosonaan waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.
Rippaablika Cheekitti daawwanaa hojii taasisaa kan jiran Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan Inistitiyuutii Eegumsa Bineensoota Bosonaa biyyaatii waliin waliigaltee mallatteessaniiru.
Waligaltichi biyyoonni lameen eegumsaa fi qorannoo Bineensoota Bosonaarratti waloon hojjechuuf kan dandeesisu ta’uun ibsameera.
Keeessattuu baala godanuu bineensoota bosonaa hir’isuufi lakkoofsi isaanii akka dabaluuf tumsa qorannoon deeggarame taasisuuf kan dandeessisu ta’uunis himameera.
Itiyoophiyaan eegumsa Bineensoota bosonaan deeggarsa ijaarsa dandeettii fi teeknikaa biyyaattirraa akka qooddatuuf kan gargaaru ta’uu ragaan Ministeera Tuurizimirraa argame ni mul’isa.