Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa marii tumsa diinagdee cimsu mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi Minsitira Maallaqaa fi Eegataan Ministira Boba’aa Sudaan Kibbaa Dooktar Maariyaan Doongiriin waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota fayyadamummaa waloo mirkaneessanirratti mari’ataniiru.

Akkasumas dhimmoota tumsa diinagdee biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanirratti mari’’achuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Biyyoonni ollaa lamaan dameewwan bu’uuraalee misoomaa, Anniisaa fi dameewwan biroon walitti hidhamiinsa qaban cimsuu, nageenya naannawichaa waaressuuf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu marii isaaniin kaasaniiru jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment