Itiyoophiyaafi Biraaziil tumsa damee nageenyaan  qaban cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaafi Biraaziil tumsa damee nageenyaan  qaban cimsuuf mari’ataniiru.

Biraaziilitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Li’uulsaggad Taaddasaan Ministira Ministeera Ittisaa Biraaziil Hoozee Muusiiyoo Moonteeroo Fiilhoo waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Li’uulsaggad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, haala hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii damee nageenyaan cimsuun danda’amurratti mari’achuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaafi Biraaziil biyyoota miseensa hundeessitoota Mootummoota Gamtoomanii ta’uus yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment