Itiyoophiyaafi Iraan damee indaastirii oomishaan haala waliin hojjechuu danda’anirratti mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC)- Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Iraan Ambaasaaddar Alii Akbaar Razeel waliin mari’ataniiru.

Obbo Malaakuu Allebal, damee indaastirii oomishaan invastimantii hawwachuufi teeknooloojiirratti tumsaan hojjechuuf mari’achuu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Alii Akbaar Razeel, Konfiransii Iraaniifi Afrikaa 3ffaa Eebila 19-23,2017’tti gaggeeffamu irratti akka hirmaataniif obbo Malaakuu Allebaliin affeeraniiru.

Konfiransicharratti Ministiroonni diinagdeefi daldalaa akkasumas bakka buutonni mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaa kan hirmaatan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment