Finfinnee, Amajjii 17, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan badhaadhina naannawaa fi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu keessatti ga’ee adda duree bahachaa akka jirtu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoon ibsan.
Imaammanni Alaa Itiyoophiyaa akkaataa faayidaa biyyaalessa kabachiisuun ollummaa gaarii, nageenyaa fi Tasgabbii, badhaadhina fi tumsa waloo biyyoota Gaanfa Afrikaaf dursa kan kennuudha jedhan.
Itiyoophiyaan ummattoota biyyoota ollaa waliin guddina waloo fi tumsa naannawaa cimsuuf murannoo qabaachuu eeraniiru.
Qajeeltoo fayyadamummaa waloof dursa kennuun milkaa’ina tokkummaa fi Badhaadhina Afrikaaf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Biyyattiin waltajjiiwwan idil addunyaarratti dippiloomaasii faayidaa biyyaalessaa kabachiisaan hojjechaa jiraachuu Ambaasaaddar Nabiyaat dubbataniiru.
Kanaanis tokkoon tokko biyyootaa waloon hojiilee dippiloomaasii gamhedduu fi tumsa waloon cimsan hojjechaa jirti jedhan.
Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaa milkiin keessummeessuuf qophii gahaan taasifamus himuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ethiopia