Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii itti aanaa Sudaan Kibbaa Beenjaamiin Bool Meel waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, ergaa Pireezidaanti Saalvaa kiir Maayaarditirraa ergame Beenjaamiin Bool Meel irraa fudhachuu ibsaniiru.
Pireezidaantii itti aanaa Sudaan Kibbaa Beenjaamin bool meel waliin marii taaasisaniin, rakkoon nageenyaa fi siyaasaa yeroo ammaa biyyattii jiru furuuf adeemsa hunda galessaa naannawaa barbaachiisa jedhan.
Itiyoophiyaan deeggarsa ummata Sudaan Kibbaaf qabdu cimsitee kan itti fufu ta’uu akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia