Itiyoophiyaan fooramii oomisha mandhalee idil-addunyaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) –Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaafi hoggantoonni biroon  fooramii oomisha mandhalee idil-addunyaa 3ffaarratti hirmaachaa jiru.

Fooramichi qindeessummaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaan Eemireetota Araba Gamtoomanii magaalaa Abuu Daabiitti gaggeeffamaa jira.

Dooktar Maqdas Dhaabaan hojiilee Itiyoophiyaan oomisha qorichootaafi galteewwan yaala fayyaa biyya keessaatti oomishaa  jirtu ilaalchsee ibsa kennaniiru.

Dabalataan yeroo itti aanutti damichaan dhimmoota sadarkaa biyyaa, ardiifi idil-addunyaatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti ibsa kennuu ragaan Embaasii Itiyoophiyaa Abuu Daabiitti argamu irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment