Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan Miseensa Mana Maree Bulchiinsa Giddugala Qorannoowwan Teeknooloojii Afrikaa taate.
Yaa’iin Mana Maree Bulchiinsaa Giddugala Qorannoowwan Teeknooloojii Afrikaa 34ffaan Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeefameera.
Yaa’ichi, Hojii Raawwachiisaa Dursaa Misoomaa Qo’annoo Biyyaalessaa Ministeeraa Innooveeshinii fi Teenoolojii Dooktar Habtaamuu Abarraa, Amajjii 2025 irraa eegalee waggootaa 3’f mana marichaatti bakka bu’aa Itiyoophiyaa taasisuun filateera.
Dooktar Habtaamuun wayita kanatti, hojiileen misoomaa kalaqa saayinsii fi teeknooloojii misoomaa diinagdee fi hawaasummaa Afrikaa waaraa mirkaneessuuf Itiyoophiyaatti hojiilee qorannoo garaagaraa deeggaruurratti argama jedhan.
Itiyoophiyaan miseensa mana marichaa ta’uun muuxannoowwan Idil Addunyaa fayyadamuun qorannoo biyyaalessaa, misoomaa innooveeshinii fi teeknooloojii cimsuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Daayrektarri Olaanaa Giddugala Bulchiinsa Qorannoowwan Teeknooloojii Afrikaa Pirofeesar Toom Ogaadaa gama isaaniin, gareewwan bulchiinsaa olaanaa waliin walitti dhiyeenyan hojjechuun sirna, hojmaata, imaammataa fi hoggansa qindaa’aa ni mirkaneessina jechuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Giddugalli qorannoowwan teeknooloojii Afrikaa yeroo ammaa manneen maree biyyoota garaagaraarraa baba’aniin kan hogganamu yoo ta’u, Keeniyaa, Ugaandaa, Maalaawii, Kootdiivaar, COMESA, Komishinii Saayinsii fi Teeknooloojii Afrikaa akkasumaas bakka bu’oonni Ingilizii fi Siwiidiin hirmaataniiru.
#Oromia #Ethiopia