Finfinnee, Mudde 16, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan walitti bu’iinsa Sudaan keessaatti mudateef furmaanni waaraan akka jiraatuuf tattaaffii taasistu cimsite kan itti fuftu ta’uu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.
Pireezidaanti Taayyeen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ergamaa Addaa Sudaan Raamtaan Lamaamiraan waliin dhimmoota naannawicharratti mari’ataniiru.
Marii isaaniin waldhabdeen Sudaan keessatti mudate furamuun nageenyi waaraan haalota jiraachuu danda’urratti mari’achuu Pireezidaanti taayyeen fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Nageenya fi tasgabbii naannawichaaf xiyyeeffannoo olaanaa kan kennitu Itiyoophiyaan, Walitti bu’iinsa Sudaanitti mudateef furmanni waaraan akka dhufuuf kan hojjetuu ta’uu kaasaniiru.
Raamtaan Lamaamiraan gamasaaniin,Itiyoophiyaannageenya naannawichaa mirkaneessuuf murannoo qabaachuu kan hubatan ta’uu ibsaniiru.