Itiyoophiyaan Yaa’ii 5ffaa P4G bara 2027 qopheessuutti kabajatu itti dhaga’ama –Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 9, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii 5ffaa P4G bara 2027 qopheessuutti kabajatu itti dhaga’ama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Yaa’iin Hanooy pirojektoonni P4G xiqqaa ta’aniyyuu yoo sirriitti qindaa’an bu’aa cimaa argamsiisuu akka danda’anii fi babal’isuudhaafis humna guddaa kan qaban ta’uu mul’isuu Dooktar Abiy Ahimad  gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaan yaa’ii P4G bara 2027 qopheessuuf carraa argachuutti kabajatu itti dhaga’ama jedhan.

Carraa kana cichoominaa fi murannoon qabachuun, qophii bu’aa qabeessa Veetinaam, Kolombiyaa, Deenmaarkii fi Rippaablika Kooriyaatti mul’ate dabaallee itti fufsiisnaas jedhan.

Qajeeltoowwan ijoo P4G walta’insa, kalaqa, hammattummaa fi gochaan gaggeeffamuun,Yaa’iin Itiyoophiyaa 2027, ce’umsa magariisaa keessatti guddina indaastirii magariisa, qonna jijjiirama qabeenya qilleensaa damdamatuufi dargaggootaafi dubartoota humneessuu irratti xiyyeeffatee fi raawwachiistuu murteessaa jijjiiramaa taasisuun  fudhachuudhaan kan itti qophaa’amu ta’uu himaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment