Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Lootarii Waraqaa gabaarra jiran dabalataan bifa Diijitaalaan Lootariin afaanoota garaagaraan qophaa’e jalqabaa ifoomeera.
Hoggantoonni Dhaabbata Holdiingis Invastimanti Itiyoophiyaa, Tajaajila Lootarii Itiyoophiyaa fi Sooluushinii Sooftiweerii Taamkoo Lootarii Diijitaalaa jalqabaa kana hojii eegalchiisaniiru.
Lootariin Diijitaalaa kun Lootarii Waraqaa amma gabaarra jiran dabalataan Appiliikeeshinii Bilbilaa fi ergaa gabaabaan hawaasni carraa isaanii yaaluun akka badhaafaman kan taasiisu ta’uu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Tajaajila Lootarii Itiyoophiyaa Beezaa Girmaan ibsaniiru.
Lootariin Diijitaalaa haaraan ifoome kun dargaggootaaf carraa hojii uumuu fi Guddina Teeknooloojiif haala mijataa kan uumu ta’uu Hojii Raawwachiisaan Olaanaan Sooluushinii Sooftiweerii Taamkoo Salamoon Kabbareen himaniiru.
#Oromia #Ethiopia