Itiyoophiyaatti walqixxummaa fi waldanda’uun amantaa babal’ateera – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Gaaffiin mirgaa fi bilisummaa amantaa hawaasni Musliimaa barootaaf kaasaa ture jijjiiramaan booda deebii argachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad ibsan.

Kunis hoggansa bilchina qabu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kennaniin deebii argachuu himaniiru.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaatti walqixxummaa, bilisummaa fi waldanda’uun amantaa mirkanaa’uu kaasaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Masaraa biyyaalessaa eegalee dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa garaagaraa keessatti sirna Afxiraa qopheessuun isaanii agarsiiftuudha jedhan.

Jijjiiramaan booda sagantaan Salaataa fi dorgommii qur’aanaa buufataalee Teeleeviizyinii biyyaalessaan wayita tamsa’an agarreerra jedhan.

Jijjiirama gama amantaan argame keessatti gumaacha olaanaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad taasiisaniif galataa fi kabaja qabaachuu himaniiru.

Namuusa wayita Salaataa, kadhannaa fi Soomaa hawaasni Musliimaa agarsiisan galateeffataniiru.

Gochaalee kunneen itti fufsiisuun misoomaa fi nageenya Itiyoophiyaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment