Jaalalaa fi tokkummaan, guddinaa fi nageenya biyyaaf kan nurraa eegamu bahachuu qabna-Abuna Maatiyaas

Finfinnee, Amajjii 11, 2017 (FMC)- Jaalalaa fi tokkummaan, guddinaa fi nageenya biyyaaf gahee nurraa eegamu bahachuu qabna jechuun Paatiriyaarkin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Abuna Maatiyaas dhaaman.

Abuna Maatiyaas sirna kabaja Ayyaanaa Cuuphaarratti ergaa dabarsaniin, dhalli namaa jireenyaa isaa milkeeffachuu kan danda’uu soda Waaqaa yoo qabaateedha jedhan.

Hunduu waa’ee nagaa itti yaaduu akka qabus hubachiisanii, jalaalaa fi waloomaan dhaabbachuun nagaa fi guddinaa biyyaaf gahee nurraa eegamu bahachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hawaasnis kennaa Waaqni namaaf kenne fayyadamuun waliif yaaduu fi waloomaan nageenya biyyaa fi tokummaaf gufuu kan ta’an hambisuu akka qabu akeekuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment