Finfinnee, Bitootessa 23, 2017(FMC) – Kutaalee Magaalaa Shaggaritti Jala bultiin injifannoo Bitootessa 24 sagantaalee adda addaan kabajameera.
Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Kooyyee Facceetti dargaggootni kutaa magaalichaa jala-bultii injifannoo Bitootessa 24, sagantaawwan garagaraan kabajaniiru
Bitootessi 24 guyyaa ifa bilisummaa, badhaadhinaafi wal-qixxummaan uummattoota Itiyoophiyaa bu’uura sab-daneessummaan itti biqileefi abdiin guddina hawaas-dinagdee uummattoota biyyattii aarsaawwan qaqqaaliin itti dhugoomfamedhas jedhan dargaggoonni kunneen.
Jala bultiin kun kutaa magaalaa Sulultaa,Mana Abbichuu fi Laga Xaafoo Laga Daadhittis kabajameera.
Kutaaleen Magaalaa Shaggar guyyaa borii injifannoo Bitootessa 24 yaadachuuf hiriira guddicha taasifamuuf qophii jala bultii xumuruu Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.
Jijjiiramaa fi bu’aalee jijjiiramaan argaman tiksuun injifannoo caalmaaf yaa hiriirru jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
#Oromia #Ityoophiyaa