Jalqabbiin mana maree Tiraanisfoormeeshinii Qonna Oromiyaa milkaa’ina agarsiisaa jira – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Jalqabbiin Mana Maree Tiraanisfoormeeshinii Qonna Oromiyaa milkaa’ina agarsiisaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan waltajjii mana maree tiraansfoormeeshinii Qonna Oromiyaa marsaa 3ffaa irratti argamuun kallattii hojii kennaniiru.

Qonna Oromiyaa bu’aa argamsiisaa jiru caalmatti guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Manni maree tiraanisfoormeeshinii qonnaa bu’aa qorannoon qofa madaaluu akka qabu yaadachiisaniiru.

Ekisteeshiniin qonnaa oomishaaf oomishtummaa dabaluuu danda’an kilaastera hundatti irra deebiin qophaa’uun bu’a qabeessummaa damee qonnaa milkeessuu akka qaban himaniiru.

Qonnaan bulaan waan oomishe kallattiin gabaaf dhiheessuu akka danda’u taasisuu fi bulchiinsi qabeenya bishaanii fooyya’uu akka qabus Pireezidaanti Shimallis hubachiisaniiru.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktor Girmaa Amantee gamasaaniin hojii misooma qonnaan naannoon Oromiyaa naannoolee biroo dursaa jiraachuu eeraniiru.

Kilaastaroonni hundi ergama itti kenname sirnaan bahuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hojiin misooma kilaastaraa bu’aa gaarii galmeessaa jiraatus oomishaalee argaman bifa walfakkaatuun gabaaf dhiheessuu irratti hanqinni jiraachuu eeramuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment