Jila Ispoorteessitoota Poolisii Oromiyaaf sirni badhaasaafi beekamtii kenname

Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Jila Ispoorteessitoota Poolisii Oromiyaa Feestivaala Ispoortii Poolisii biyyaalessaa 19ffaa olaantummaan xumuraaniif sirni badhaasaafi beekamtii kennameera

Feestivaala Ispoortii Poolisii biyyaalessaa 19ffaa Giddugala Dargaggoota Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa tureen kilabni Poolisii Oromiyaa Waliigala meedaaliyaa Warqee 9 argachuun olaantummaan xumuruun kan yaadatamuudha.

Sirna beekamtii kanarratti argamuun haasawa kan taasisan Koomishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Oromiyaa Dirribaa Makonnin, kilabiin Poolisii Oromiyaa madda atileetoota biyya bakka bu’anii tahuu himanii, dorgommiin kun murannoo itti gaafatamuummaa namatti kenname fiixaan baasuu kan agarsiisedha jedhan

Jilichaaf badhaasni maallaqaafi beekamtii kennameera.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment