Kaabineen magaalichaa ajandaalee adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarse

Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) –Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 9ffaa waggaa 4ffaa gaggeesseen ajandaalee adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan:-
1.Wixinee labsii Mana Maree sirna nyaataa fi Niiwuutiriishinii hundeessuuf dhiyaaterratti mari’achuun raggaasiseera.

2.Wixinee labsii Fandii qophummaa Balaa fi hundeeffama Mana Maree Hoggansa Sodaa Balaa dhiyaaterratti mari’achuun murtoo dabarseera.

3.Gaaffilee ramaddii lafa Piroojektoota faayidaa diinagdee fi hawaasummaa qaban Biiroo bulchiinsaa fi misooma lafaan dhiyaaterratti mari’achuun murtoo dabarsuu ragaan Waajjira Kantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

4.Naannawaan kiiloo 4 hanga Mujaatti jiru mandara Yuuniversiitii ta’ee tajaajiloota naannawichaa akkaataa hammateen giddugala barnootaa, qorannoo, beekumsaa fi Aadaa ta’ee haala magaalaa guddisuu danda’uun qorannoo Biiroon Pilaanii fi misoomaa Ministeera barnootaa waliin ta’uun dhiyeesanirratti mari’achuun mandara ta’ee akka hundaa’uu murteessera.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment