Finfinnee, Amajjii 26, 2017 (FMC)-Kallattiiwwan yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaan kaa’aman milkeessuuf murannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Yaa’iin 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Mata Duree “ Waadaa Hanga Aadeffannaa” jedhuun Amajjii 23-25 ,2017 magaalaa Finfinneetti taa’amaa tureera.
Yaa’ichi milkaa’ina olaanaan xumuramuu Obbo Adam Faaraah gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Yaa’ichaan raawwiin kallattiiwwan Yaa’ii Paartichaa 1ffaarratti kaa’aman gadii fageenyaan gamaaggamuu, Dambiin Ittin Bulmaata Paartichaa fooyya’uu, Hoggansa Paarticha kara haqa qabeessaa fi Dimookiraataawaa ta’een filaachuu fi injifaannoo argame sadarkaa olanaattti ceesisuuf kallattiiwwan fuulduraa kan itti kaa’aman ta’uus eeraniiru.
Kallattiiwwan yaa’icharratti kaa’aman karaa bu’a qabeessa ta’een hojirra oolchuun imalli badhaadhina Itiyoophiyaa akka milkaa’uu hundi qooda isaa akka ba’u waamicha dhiyeessaniiru.
Obbo Adam Faaraah qaamoolee milkaa’ina Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaaf gumaacha taasisan galateeffataniiru.