Kiim Joongi Uun Kilaboonni Ingilaandi 3 Teeleeviizyinii biyyattiin akka hin daawwatamne dhorkan

Finfinnee, Guraandhala 9, 2017 (FMC) – Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Uun Kilaboonni Ingilaand 3 Teeleeviizyinii biyyattiin akka hin daawwatamne dhorkuu ibsame.

Taphattoonni Kooriyaa Kibbaa 3 Kilaboota kanneen keessa waan taphataniif Lammiileen Kooriyaa Kaabaa taphattoota kanneen akka hin daawwanneef ajaje darbe ta’uu ibsameera.

Dursaan garee Tootenhaam San Huung Miin, Taphataan sarara gidduu Woolviis Hawaang Hii Chaanii fi Taphataan sarara ittisaa Bireentifoordi Kiim Jii Soo lammiilee Kooriyaa Kibbaa ta’uu isaanii hordofee dhorkaa kaa’ameedha jedhame.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa kun deeggaraa Maanchiister Yuunaayitiid akka ta’e kan himamus,har’a tapha Tootenhaam Maanchiister Yuunaayitiid waliin taphatu hin daawwatan jedhamuu The Sun Sport gabaaseera.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment