Kilaboota Seenaa keessatti maqaasaanii barreessuu barbaadan lamaan

Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Arsenaalii fi PSG’n waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifachuun seenaa hojjechuu barbaadu.

Kilaboonni lamaanuu seenaa isaanii keessatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifatanii hin beekan.

Arsenaal waggoota 19 booda xumuraaf darbuu yoo morkatu, PSG’n ammoo waggaa 5 booda xumuraaf darbuuf falmata.

Arsenaal tapha marsaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii bara kanaan PSG 2-0 mo’achuun isaa ni yaadatama.

PSG’n ammoo takkaayyuu Arsenaal mo’ee hin beeku.

Arsenaal walakkaa xumuraaf yeroo dhumaaf kan gahe bara 2009 ture. Yeroo sana Maanchister Yuunaayitidiin dhaqaa gala galchii 4 fi1n mo’amee ture.

Arsene Wenger jalatti bara 2006 ammoo xumura waancaaf dhaqqabuun Baarseloonaadhaan mo’amuun waancaa dhabe.

Imala Shaampiyoonsi Liigii bara kanaan marsaa jalqabaan taphoota saddeet keessaa jaha mo’ateera.

Tapha nuusa xumuraan ammoo Riyaal Maadirid galchii waliigalaa 5-1’n injifachuun walakkaa xumuraaf darbe.

PSGn taphattoota urjii akka Meesii, Neyimaar fi Imbaappee erga gaggeessee yeroo jalqabaaf tapha walakkaa xumuraa waancaa Shaampiyoonsi Liigii awurooppaaf gahe.

PSGn kilabni cimaan mo’atee darbe Liiverpuulii fi Astoon Viilaadha. Birqabaan yoo ilaalle Arsenaal tapha kana irratti carraa gaarii qabaachuu mala.

Leenjistoonni lameen lammii Ispeen yoo tahan falaasama kubbaa waliis haala gaariin beeku.

Kilaboonni lamaanuu waancaa kana injifachuun seenaa keessatti maqaa isaanii barreessuu barbaadu.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 5 keessaa Arsenaal taphoota 2 injifachuun, 3 ammoo qabxii qoodataniiru.

Falmiin har’a yeroo 6ffaaf halkan sa’aatii 4:00 eegalee Istaadiyeemii Emireetisitti taasisan xiyeeffannoo argateera.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment