Komiishinichi sirna hordoffii sochii fee’iinsaa teeknooloojii ammayyaan durfamu hojiiraa oolchuuf jedhame

Finfinnee, Amajjii 16, 2017 (FMC) – Komishiniin Gumurukaa sochiiwwan fe’umsaa fi meeshaalee naanoolee daangaa kan to’atu sirna elektrooniksii kaargoo hordofu hojiirra oolchuuf akka jiru beeksiseera.

Sirnichi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu fi to’annoo seeraa cimsuuf shoora olaanaa akka qabu ibseera.

Maree sirna elektirooniksii kaargoo hordofu, to’annoo naannoo daangaa hubannoo nam-tolchee bu’ureffatee fi hojiirra oolmaa teeknooloojiiwwan biroorratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Komiishinichi teeknooloojiiwwan kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu fi olaantummaa seeraa kabjchiisuuf gargaaran hojiirra oolchuu eegaluu Komiishinarri Komiishinii Gumurukaa Obbo Dabalee Qaabataan maricharratti dubbataniiru.

Inistiityuutii Hubannoo Namtolchee fi Yuunivarsiitii Finfinnee waliin tahuun Sirna elektirooniksii Kaargoo hordofu dabalatee teeknooloojiiwwan biroo guutummaatti hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiras jedhan.

Daayrekterri Olaanaan Instiityuutii Hubannoo Namtolchee Dooktar Warquu Gaachanaan gama isaaniin, Inistiityuutiin isaanii bu’aalee teeknooloojii tajajiila komiishinichaa si’eessan misoomsaa akka jiru ibsaniiru.

Teeknooloojiiwwan kunneen yeroo gabaabaa keessatti xumuramanii hojiirra akka oolaniif hojjetamaa jiraachuus TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment