Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC) –Komishiniin maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa qooda fudhattoota sadarkaa federaalaa maricha irratti hirmaachuu qabu jedhe irraa ajandaa walitti qabuuf qophii gochaa jiraachuu beeksise.
Dhaabbilee fi waldaalee sadarkaa federaalaa jiran irraa magaalaa Finfinneetti ajandaa walitti qabuuf ta’uu himeera.
Komishinichi naannolee 10 fi bulchiinsa magaalotaa lama keessatti ajandaa walitti qabaa turuun kan yaadatamuudha.
Waltajjii ajandaa walitti qabuu yeroo dhiyootti Finfinneetti gaggeeffamuun qaamoleen qooda fudhattotaa federaalaa 17 ta’an irraa ajandaawwan bu’aa guddaa qabaatu jedhaman walitti qabuuf karoorfateera.
Adeemsichaanis qaamolee kanneeniif wamichi kan darbe yoo ta’u, karaa bakka bu’oota isaanii akka itti hirmmaatan eegama.
Qaamoleen kunneenis:
1. Dhaabbilee Amantii
2. Konfedereeshinii Waldaalee Hojjettootaa
3. Federeeshinii Waldaalee Maanguddootaa
4. Barsiisota dhaabbilee Barnootaa Olaanoo(Yuuniivarsiitiiwwan)
5. Waldaa Barsiisotaa
6. Federeeshinii Hojjechiiftotaa
7. Federeeshinii waldaalee qaama-miidhamtootaa
8. Paartiiwwan siyyaasaa Sadarkaa Biyyaalessaa
9. Namoota bebbeekamoo
10. Mootummaa Federaalaa
11. Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa
12. Mana Maree Federeeshinii
13. Mana Murtii Federaalaa
14. Raayyaa Ittisa Biyyaa
15. Mana Maree Daldalaa Federaalaa
16. Federeeshiniinii Dubartootaa fi Dargaggootaa
17. Poolisii Federaalaaf waamichi dhiyaatera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.