Finfinnee, Bitootessa 18, 2017(FMC) – Komishiniin haaromsa biyyaalessaa dhaabbata misoomaa, tasgabbii fi Nageenyaa Siwiidiin kan ta’e (FBA) waliin tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.
Sagantaa hidhattoota duranii deebisanii dhaabuu hojjetamaa jirurratti tumsaan hojjecbuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilahuun, Mootummaan Siwiidiin deeggarsa sagantaa raawwii DDR’f taasisaa jiru dinqisiifataniiru.
Waliigalteen waloo FBA waliin taasiifame ijaarsa dandeettii dhaabbatummaa, qorannoo fi muxannoo idil addunyaa qoodachuuf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Waliigalteen mallattaa’e Itiyoophiyaatti hojii deebisanii dhaabuu hojjetamaa jiru waloon raawwatamuuf gahee olaanaa qabaachuu Daayrektarri jeneraalaa FBA Par Oolsan himaniiru.
#Oromia #Ityoophiyaa