Finfinnee, Guraandhala 16, 2017 (FMC) – Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa Magaalaa Naqamteetti taa’amaa jira.
Konfiransiin jiraattota Godinaalee Wallaggaa arfanii fi Magaalaa Naqamtee hirmaachise kun Murtoo fi Kallattii yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaa irratti mata duree “Waadaa hanga aadeffannaa” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Federaalaa Dooktar Laggasaa Tulluu dabalatee hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi naannoo maricha dursaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.