Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa magaalaa Jimmaatti taa’amaa jira

Finfinnee, Guraandhala 15, 2017 (FMC) –Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa magaalaa Jimmaatti taa’amaa jira.

Kutaaleen hawaasaa Godina Jimmaa fi Buunnoo Beddelleerraa walitti babba’an konfiraansicharratti hirmaachaa jiru.

Ministira Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa dabalatee hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi naannoo maricha dursaa jiraachuu ibsameera.

Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa kun har’a magaalota 25 keessatti kan taa’amu ta’uu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Abduraahimaan Mahaammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment